Itiyoophiyaa: Yaaliin Ajjeechaa Pirezidaantii Waldaa Maccaa fi Tuulamaa (WMT), obbo Dirribii Damussee irratti Raawatame

Hagayya 09, 2020

HRLHAn AJJEECHAA  PERESIDAANTII MACCAA FI TUULAMAA IRRATTI YAALAME GAD-FAGEENYAAN BALAALAFFATA

Kamisa darbe halkan, jechuun, Hagayya 06, 2020 humnooti nageenyaa mootummaa federaalaa Itiyoophiyaa Pirezedaantii Waldaa Maccaa fi Tuulamaa kan ta’an obbo Dirribii Damusee Bokkuu irratti yaalii ajjeechaa raawatuu HRLHAn mirkaneeffatee jira.  Gochaan hayyuu Oromoo kan irratti raawatame baay’ee gaddisiisaadha. Gabaabumatti, SADARKAA HAMMEENYA MIRGA NAMOOMAA bulchiinsi MM Abiy Ahmed sabboontota Oromoo irratti raawataa jiru ifatti kan saaxile dha.

Akkuma beekamu, yeroo dhiyoo asitti duulli hidhaa fi roorroon adda addaa Abbootii Gadaa, Haadholii Siiqqee fi Hayyoota Oromoo irratti bal’inaan raawatamaa jira. Keessattuu, ajjeechaa Artist Haacaaluu asitti ammoo Abbaa Gadaa G/Kibba Lixa Shawaa fi kan Wambaraa hidhamanii dararaaf saaxilamaa jiru. Gujjii fi Booran keessattis Abbootiin Gadaa fi Ayyaantuuwwan hedduun jumlaan hiraarfamaa akka jiran ni beekama.

Gochaa obbo Dirribii irratti raawatame waanti adda taasisu akka maatiitti sadarkaa lubbuu isaaniif yaaddessuun itti roorrifamuu isaati. Ajaja mana murtii malee halkan waarii mana jireenyaa isaaniitti marsuudhaan sakatta’insa seeraan alaa raawatan. Obbo Dirribii fi maatii mara halkan sana qorra keessa mooraa manaa keessaa gadi yaasanii daandiirra garaadhaan ciibsanii reebicha hamaa irratti raawatan. Reebicha isaan irratti raawatame irraa kan  ka’e obbo Dirribiin miidhaa qaamaa cimaaf saaxilamaniiru. Yeroo sanatti guutuutti sadarkaa of wallaaluurra (unconscious) akka gahan himatu. Haadha warraa isaanii Aadde Gaaromsee

uleedhaan dugda keessa rukutanii lafatti kuffisan. Kana mara erga raawatanii booda obbo Dirribii irraa bilbila harkaa (mobile) isaanii fudhatanii deeman.

Qaamni gochaa hamaa kana raawate “Polisii Federaalaa” kan ofiin jedhan akka ta’an HRLHA adda bafateera. Hoomaa waraanaa  yakka hamaa kana raawatan meeshaa guguddaa kanneen akka Girnoovaa hidhate; namooti wayyaa sivilii uffatan kan keessatti argaman; baay’inni isaanii lakkobsaan  dhibbaatti kan tilmaamanidha.  

Manguddoo ganna 70; nama bara jireenya isaa guutuu aadaa fi duudhaa Oromoo guddisuuf wareegama qaqqaalii kaffalaa turee irratti gochaa suukkanneessaa ilma namaa irratti raawatamuu hin malledha. Jaarsi kun bara Dargii dabalatee bara Wayyaanee keessas Oromummaa isaaniif qofa yeeroo gara garaatti hidhaama kan turan yoo ta’u “Salphinni akka kanaa na mudatee hin beeku” jedhu. Obbo Dirribiin nama silaa badhaasnii fi kabajaan maleef akkanatti qe’ee ofii irratti salphifamuu hin malle.

Gochaan kun marti osoo hin xiqqaatiin mucaa firaa isaan bira jiraatu reebicha hangana hin jedhamne erga irratti raawatanii booda halkanuma sana fuudhanii kan deeman yoo ta’u hanga har’aatti mana murtiitti osoo hin dhiyeeffamiin ‘Buufata Poolisii magaalaa Buraayyuu Lakk.3ffaa’ jedhamutti hidhamee jira. Maqaan dargaggoo kanaa ‘Haacaaluu Baqqalaa Gammachuu’ jedhama. Qorattoonni Buufata Poolisii Buraayyu 3ffaa “Haacaaluu poolisii federaalaatu “HADARAADHAAN” nu bira kaawate; dhimma inni itti to’atameef hin beeknu” kan jedhan ta’uu obbo Dirribiin nuu ibsaniiru. Daraggoo Haacaaluun barnoota Engenering dhaan Yuubarsitii Haroomayaa irraa eebbifame.

Waggoota lamaa asitti– namoota nagaa sabaaba ilaalcha siyaasaa isaaniif qofa- dhukkaamsuun; gara dabarsuun; manneen hidhaa dhoksaa fi beekamtii seeraa hin qabne keessatti hidhaa jumlaa fi hiraarsa gara garaa raawachuu; namoota shakkamanii to’ataman sa’a 48 keessatti m/murtiitti dhiyeessuu dhiisuu; murtii malee yeeroo dheeraaf mana hidhaa keessatti dararuu; m/murtii shakkamtootaaf mirga wabii yeroo kabajutti poolisii raawachuu diduu; kkf dhiittaa migaa Itiyoophiyaa keessatti addatti ammoo Oromiyaa keessatti bal’inaa  raawatamaa kan jiru ta’uu HRLHAn irra deddeebi’uudhaan gabaasaa akka jiru ni beekama.

Yaadaa Furmaataa

Rakkoo nageenyaa fi hokkora siyaasaa Itiyoophiyaa mudataa jiruuf furmaata waaraa argamsiisuuf falli jiru:

  • Humnoota waraanaa mootummaa uummatatti bobbaafamanii jiran gara mooraatti deebisuudhaan paartilee mormituu waliin elaa fi elaameedhaan waldubbii taasisuu akkasumas marii siyaasaa qaamolee dhimmi ilaallatu hirmaachise akka biyyoolessaatti gaggeessuu;
  • Mootummaan akkaataa amma itti jiru kanaan afaan qawwee fi humnaan qofa nagaan buusa jedhee yaaduun biyyatti gara balaa cimaatti kan geessu ta’uu HRLHAn yaaddoo guddaa qaba. Kanaaf, qaama “Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO)” ofiin jedhu dabalatee humnoota hidhatanii socho’an mara waliin haasa’uudhaan araara buusuun dirqama.
  • Ajjeechaa Artisti Haachaaluu dabalatee dhiittaawwan mirga namoomaa waggoota lamaan darban keessa akkasumas sana dura raawataman ‘Qaamni Walabaa’ qoratee dhugaa jiru akka baasu taasisuu akka qabu HRLHAn cimsee kan yaadachiisu ta’a.

Walumaagala, yeroo har’aa kana mootummaan MM Abiy Ahmed Oromiyaa keessatti sabboontota ilmaan Oromoo irratti sababaa ilaalcha siyaasaa isaaniif qofa dhiittaa mirgaa raawataa jiru kana uummatni Oromoo haalaan dura dhaabatanii karaa danda’an mirga isaaniif akka falmatan HRLHAn humabachiisaa nutis seera irraatti hundaa’uudhaan karaa nuuf danda’ame dhaabbolee mirga namoomaa sadarkaa adunyaatti hojjetan waliin kan irratti hojjetaa jirru ta’uu gamanumaa isin beeksifna.

“Mootummaan Mirga uummattaa eeguun furmaata osoo hin taane Dirqama isaa ti”

Embed Articles

Search  Search

View More Results…

Search

Recent Comments

    Urgent Action