Waamicha Waa’ee Sarbama Mirga Namoomaa Irratti Marii

The Human Rights League of the Horn of Africa (HRLHA)

___________________________________________________________________

Guyyaa:  Waxabajjii 10, 2020

Waamicha Waa’ee Sarbama Mirga Namoomaa Irratti Marii

Liigiin Mirga Namoomaa Gaanfa Afrika, Ithoophiyaa (LMNGA) bal’inaan Itoophiyaa keessatti addatti ammoo Oromiyaa keessatti  osoo wal-irraa hin citiin sarbans mirga namoomaa karaa adda-addaa  Itti fufee jiraachuu ilaalchisee erga gara biyyaatti deebi’ee ibsa baasee jira. Irra caalaa yeroo ammaa kana ajjeechaa, hidhaa, ukkaamsii fi reebbichi saba Oromoo irra gahaa jiru babal’achaa akka jiruu karaa adda-addaa akka quba qabdan nan abdadha.

Jireenyi Saba Oromoo Mootummaa Itoophiyaatiin yeroo ammaa jiru jalatti  yoom irra iyyuu caalaa gaaffii jala kan itti gale dha. Haala kana irratti bal’inaan  marihachuuf LMNGA Itoophiyaa  dhabbolee adda-addaa fi hayyoota Oromoo waliin marihachuuf wal-gahii gaafa Waxabajjii 20, 2020tti waamaa jira.

 Isinis wal-gahi kana irratti  sa’aatii 11:00 am EST (7:00pm in Ethiopia)tti karaa qunnamtii “Zoom” akka hiramaatan kabajaan affeeramtanii jirtu. Karaan ittin qunnamatanis yeroo dhihoo keessatti isniif ergamu ta’a.

Wal-gahii kana irratti ibsa kan kennan:

  1. Obbo Geetuu Saaqataa Roorroo – Dariktera biyyoolessaa LMNGA
  2. Obbo Mooneenus Hundarraa Galataa– Daarekteera Qo’annoo fi qoranno, akkasumas Barnoota Mirgaa fi Diimokrasii
  3. Obbo Gaaromaa B. Waaqasaa 

Kabaja Waliin

HRLHA is aimed at defending fundamental human rights including freedoms of thought, expression, and assembly or organization. It is also aimed at raising the awareness of individuals regarding their own basic human rights and that of others.  

Embed Articles

Search  Search

View More Results…

Search

Recent Comments

    Urgent Action